(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 11, 2009)Torban kana keessa mootummaan wayyaanee karaa TV. isaan dandeettii waraanaa fi meeshaa lolaa oomishachaa jiraachuu isaa agarsiifachuun ololli geggeessaa jiru kan mul’isu humnoota dimokraasii biyyattii ittiin sodaachisuu fi furmaatni dhibdee polotikaa biyyattiis humna waraanaa qofa isa jedhutti murteeffachuu isaa agarsiisa jechuun beektotni siyaasaa ifa godhan.
Sirnichi warshaalee meeshaa waraanaa gugurdaa gara garaa oomishan doolaara miliyoonaan lakkaa’amuun bitannee hojii irra oolfanneerra jechuun beeksifataa jiraachuun isaa, gaafatamni kan itti hin dhaga’amne ta’uu eeran. Mootummichi dinagdee biyya hiyyeettii addunyaa irraa ishee dhumaa taate kana duguugee ijaarsa meeshaa waraanaa humna isaa ittiin jabeeffatu irra oolfachuun isaa aangoo kiyya ykn du’a jedhee murteeffachuu isaa mul’isa jechuun beektotni siyaasaa kun dabaluun addeessaniiru.
Ummatootni Itophiyaa miliyoona hedduutti herregaman wayta kan afaanitti deebifatan dhabanii rakkamaa jiran keessatti, wayta jireenyi qaala’ee lammiiwwan biyyaa sardaa jiruu fi hedduun qe’ee irraa buqqa’aa jiran kanatti, mootummaan wayyaanee meeshaa gugurdaa oomishachaa jiraachuu labsachuun isaa gaaffii belbeltuu ummatootni dhageessisaa jiraniif dantaa kan hin qabne ta’uu isaa agarsiisa jechuun farrummaa sirnichaa qeequ beektotni kun.
Wayyaanotni dandeettii humna waraana keenyaa kan jabeeffataa jirruuf, weerartoota alaa fi goolessitoota ittiin of irraa dhorkuuf kan isaan ittiin jedhan akka diina isaaniitti kan ilaalan humnoota bilisummaa fi dimokraasii ummatoota isaaniif qabsa’anii fi saboota gaaffii mirgaa qaban irratti ittiin duuluuf ta’uu beektotni kun itti dabaluun hubachiisu.
Kan mootummaa Dargii gadi hin taaneen qabeenya ummatoota hiyyeeyyii biyyattii saamuun humna waraana isaa ittiin jajjabeeffataa kan jiru mootummaan Mallas Zeenaawwii, filmaataan aangoo ummatootaaf dabarsee kan hin laatne ta’uu isaa qophii waraanaa gochaa jiru irraa hubachuutu danda’ama kan jedhan beektotni siyaasaa kunniin, humnootni siyaasaa biyyattii garaa garummaa isaanii dhiphisuun furmaata waloo argamsiisuuf jabinaan qabsaawuutu irraa eegama jedhu.